Waa’ee Holqa Soof Umar
Holqa Soof Umar Magaalaa Finfinneerraa kiilomeetira 536 fagaatee Baaleetti kan argamu Holqi Soof Umar, iddoowwan umamaan ajaa’ibsiisoo ta’aniifi qalbii daawwattoota hawwatan keessaati. Holqi Soof Umar Godina Baalee Bahaa Aanaa Daawwee Qaachanitti argama. Holqi kun lafa jala kiilomeetira 15 dheerata, lagni Weeb ammoo holqa kana keessa darba. Kunis holqicha uumama addaa taasiseera. Holqi Soofumar erga hambaa addunyaa ta’uuf galmee yeroo UNESCO irratti galmaa’ee bubbuleera.